loader

Topics (16)


loader Loading content ...

Explanations (17)


  • @Moti   1 year ago
    Seeri Gadaa dhimmoota adda addaa of keessa qaba, fakk.

    Seera namummaa
    • Kan dhalatee lafa gahe nama
    • kan nama ta’e hundinuu ulfina nameenyaa qaba kkf.

    Seera bulchinsaa

    • Biyyi kan Oromoo hundaa haa ta’u
    • Laft kan gosa hundaa haata’u
    • Margii fi maddi kan horii hundaa haa ta’u
    • Dhaali abbaa ilmaaf haa ta’u
    • Hojjatanii nyaachuun kan hundaa haa ta’u
     
    Seera qabeenyaa

    • Horiin namaa ulfina qaba
    • Kan qabu kan dhabeef liqeesuun akka
    • Kan liqeefatee deebisuun akka
    • Kan biyyatti argame horii biyyaatti
    • Boojuun kan duultuu hundaatti
     
    Seera yakkaa

    • Kofoo gosaa saaquun yakka, kan saaqe du’aan adabuun akka
    • Abbaa fi haadha rukutuun yakka, kan rukute du’aan adabuun ofkaltiidha
    • Horii namaa saamuun yakka
    Seeri Gadaa fayyidaa fi mirga nama dhuunfaa kabajaa gara mirga gamtaatti guddata.

    Seera waaqaa

    Seera seeraa oliiti. Waaqayyoo kan dacheefi samii uumee, namaa fi biqiltuu maraa uumee, gooftaa hunda caaludha.
    Ulfinaaf safuus waaqaaf kennuu qabana jedha.

    Seera ilkee

    Seera ilkee jechhun seeroota guguddoo sirn gadaa qabu jechaa dha, Isaanis Seera waaqqaa, Lafaa, Abbaa fi haadhaatti. Seeroon kun akka madda seeroota xixiqoo hundaati fudhatamu. Wagga sadeet sadeetitti yeroo seerooni xixiqoon tumaman, seerooni Ilkee kun hin jijjiramaanu, hin fooyyaa’anis. Isaan Seeroota dhaabbatoota jechaadha. Haa ta’u malee, guyyaa itti seerooni tumamaan labsaman seerooni ilkees akka seeroota haaraa tumamaaniitti uummataaf labsama.

    Seera lafaa

    Oromoon lafaaf (dacheef) ulfina guddaa qaba. Dacheen yoo jiraannu nu baatti, kan biqichetee nu nyaachifti, yoo duunes garaa keessa nu keeyyatti. Margaa fi bishaan kenniti, looni fi namni akka lubbuun jiraatan gargaartii. Oromoon qabeenya fi uumama dacheen qabdu ni dinqisiifata, kanaafuu seeri lafaa cimaadha.

    Seera Abbaa

    Abbaan waaqaa gaditti kan ulfini kennamuufi dha. Sababni isaas dhalchee kunuunsee nu guddisuu qofaa osoo hin tain qabeenya fi lubbuu isaatii ol kan nu jaallatuu dha. Kanaaf seerichi abbaa kee jaalladhu jedha.

    Seera Haadhaa

    Haatii namaa ji’a sagal gadaameessatti nama baatee, cinqiidhan dhiphatee nama deessi. Xuriifi fincaan jettee osoo hin jibbin, harma hoosistee kan nama guddistuudha. Kanaaf seerii, haati ulfina gudda qabdi jedha. Namni abbaa ykn haadha ofii rukute du’aan adabama.

    Seera Rakkoo

    Dubartii fi daa’immanii eegumsi akka godhamuf seeri ni dirqisiisa. Abbaan waraa tokko hawaasa keessatti fudhatamaa fi kabaja argachuuf dursee maatii ofii keessatti nama seera maatiif ulfina kennu ta’uu qaba. Namni tokko nama guutuu kan ta’u, yoo namaaf kabaja, waaqaaf ulfina kenne, seera Gadaa yoo guutatee dha. Akka kanaanis haadha manaa seeraa rakkoon fuudhuu fi daa’imman seeran dhalatan horachuutu isa irraa eegama.

    Wabii: Saba Oromoo fi Sirna Gadaa



  • loader Loading content ...
  • @Moti   1 year ago

    Bar-durii, giiftiin biyya bulchitu, maqaan ishee Akko Mannooyyee jedhamtu tokkotu turte. Giiftiin kun uummata garmalee rakkisaa turte. Namni hundumtuu odaa jalattii walgaa’eeti waaqayyoon galgalaa ganama harka isaanii gara samiitti olkaasanii yoo kadhatan, “yaa waaqi, giiftii gidiramtuu kana nurraa buqqisi” jedhanii kadhatu turan.

    Gaaf tokko, uummata walgayii waamtee, “nama gabaabaa ta’e mara akka fixxan” jettee labsii (ajaja) dabarsite. Maaliif jechuun uummanni ishee gaafannaan, “aangookoo keessa galanii waan jeeqaniif meeshaa waranaa qabdan hundaatti fayyadamuun balleessaa” jettee ajaja dabarsite. Uummannis sodaachuun namoota gaggabaabaa fixuun gabaabaa tokkicha qofa odaa jala dhofkatan.

    Erga kana raawwachiiftee booda, otoo deemtuu kanniisni ishee hidde. Achuumaan galtee, “gaagurafi kanniisa” lafa kana irra akka balleessitan jettee labsii dabarsite. Uummannis namicha gabaabaa mala akka himuuf dhofkatan san gaafatan. “Mucaa isheetifi  isheef damma laadhaa!” jedhee uummata gorse. Uummanni akkuma gorfameetti damma hoggaa ishiif laatu “Gaaguraafi kanniisa hin xuqiinaa” jettee labsii duraan kennite diigde.

    Yeroo gabaabaa erga turtee booda, uummata yaa’ii waamte. Uummanni yommuu walga’u, teessoo ishiirraa kaateeti “Manan itti boqodhu samiif ardii gidduutti atattamaan akka naaf ijartan,” jettee uummata akeekkachiifte. Sana booda, uummanni gara lixu dhabe. Niyaadan, nidhiphatan, waan godhan wallaalun namicha gabaabaa san bira dhaquun mala  gaafatan. Namichi gabaaban sunis akkas jechuun gorse.

    Akka aadaa keenyaatti utubaa abbaatu dhaabbata, kottuu dhabbadhu; isarratti hundoofnee  siif ijaarra jedhaniin. Isheenis, utubicha dhaabuuf yaalte, garuu ta’uu dide. Kanaafuu, ajaja kanas diigdee ajaja biroo dabarsite. Ajajni kan biraanis akkana jedha ture: “Tuulluun gamaa sun biyyawwan bulchu ilaaluu waan nadhooweef tullicha diriirsaatii dirree taasisaa!”jettee ajaja dabarsite. Ummaannis gorsa namicha abshaalichaa irratti hundaa’uun  yeroo ishee hirribni fudhate balbala cufaatii karaa tulluun hin mullanneen balbala baasan. Barii yeroo kaatu gama ishii yoo laaltu dirreen itti mullannaan, ajajnikoo amma kunoo fiixaan ba’ee jettee gammadde.

    Qajeelfamni ishii kun darbee yeroo xiqqoo erga turtee  booda, uummata walitti qabdee, “biyyakoo  ilaalee waliin ga’uu waan dadhabeef, bineensa gafarsa  jedhamu qabaa fidaaatii kooraa itti naaf fe’aa”jettee ajajje. Uummannis mala barbaada nama gabaabaa sana bira dhaqan. Namichi gabaabanis akkas jedheen: “Waaqayyo furmaata isiniif kennuuf” jedheen. “Akkamitti?” jechuun gaafatan. Namichi gabaabanis akkas jedheen,”funyoofi shiboo qopheessaatii gara bosonaa deemaa gafarsa marsaa qabaatii akkuma isheen jettetti kooraa irrattii fe’aafii. Achuumaan ishees irratti jabeessaa hidhaa!” jedheeti uummata gorse. Uummaannis akkaatuma gorfameen gafarsa qabuun irratti ishee hidhe. Daandii isheen irra deemtu irratti darbee darbee boolla waan tureef gafarsichi otumaa deemu boolicha yoo lixu, rifatee utaalee ba’uun Akkoo Manooyyee fudhatee bosona keessa bade. Yeroo kana, ishee kuffisee lafarra harkisee allayyaa buusuun lubbuu ishee dabrse. Uummannis sana booda nagaa argatee jireenya haaraafi gaarii jiraachuu jalqabe jedhama.

    Wabii: Seenaa aadaa Oromoo












  • loader Loading content ...
  • @Moti   1 year ago

    Hibboon akaakuu tapha aadaa afaaniin labataa gara labataatti lufaa dhufedha.  Hibboon haala gaaffiifi deebiin kan taphatamuufi unka gaggabaaboon kan dhiyaatudha. Hibboo keessatti tokko gaafataa yoo ta’u, inni biraan ammoo gaafatamaadha; yeroo baay’ees kan taphatan ijolleedha. Hibboon seera ittiin taphatamu qaba.  Kanaafuu, yoomessa aadaa uummatichaa murtaa’aa keessatti kan taphatamudha. Hibboon faayidaa guddaa qaba.

    Hibboon seeraafi akkaataa ittiin taphatamu qaba. Namni gaafatu ‘hibboo’ yoo jedhu, kanneen gaafataman immoo ‘hib’ ykn ‘hibib’ ykn ‘hibbaka’ jechuun deebisu. Kan gaafatu qaaffii itti fufee gaafata.  Namoonni gaafatamanis deebii hibbichaa kennuuf yaalii taasisu.  Yoo hibboo sana deebisuu dadhaban kan gaafatu sun biyya yookaan horii naaf kennaa jechuun gaafata.  Kana booda, namni gaafate sun seera aadaa taphichaatiin arrabsee erga eebbifatee booda; ”ani kana caalaa sin arrabsuu waraabessi adda booqaa sihaasalaqsu, ani sin abaru rabbi saasakaalu”, kankoo madaalatti kankee qadaadatti” erga jedhee booda deebii itti hima.  

    Taphni hibboo yoomessa ofdanda’e qaba. Galgala galgala hanga hirbaanni nyaatamutti kan taphatamudha. Sababni hibboon galgala galgala taphatamuufis tokkoffaa, guyyaa guyyaa ijoolleen hojii dhiisanii akka taphatti hindeebineefidha. Inni lammaffaan, sammuu guyyaa hojiidhaan dadhabee oole bohaarsuufidha. Inni biraan ammoo, ijoolleen osoo hirbaata hinyaatiin akka hinrafne tursiisuuf yaadameeti. 

    Faayidaaa hibboon jiruufi jireenya dhala namaaf kennu olaanaadha.  Hibboon dandeettiin waa yaadachuu yookiin qorachuu ijoollee akka guddatuufi jireenya hawaasaa akka hubatan shaakalsiisuuf gahee guddaa niqaba. Hibboon gaaffii iccitii waan of keessaa qabaatuuf, dubbii dhoksaa sana bira ga’uuf, hubannaafi bilchina sammuu gaafata.  Adeemsi kun ammoo yaadni namaa akka gabbatuuf gahee mataasaati niqaba. Haaluma walfakkaatuun, jireenya hawaasummaafi barnootaa keessatti ga’ee hibboon qabu guddaadha.  Hibboon gaaffii gaafachuun yookiin mormii dhiheessuun naannawaa barsiisuufi dandeettii sammuu cimsuuf ga’ee guddaa qaba. Dandeettii waa yaadachuufi xiinxaluu namaa cimsuuf, ilaalchaafi akkaataa itti yaaduu namaa gabbisuuf shoorri hibboon qabu guddaadha. Hibboon, amala namaas ta’e kan wantotaa, akkasumas kan beeyilladootaa barsiisuuf ga’ee guddaa qaba.

    Wabii: Seenaa tapha aadaa Oromoo





  • loader Loading content ...
  • @Moti   1 year ago

    Saddeeqni tapha aadaa Oromoo keessaa isa tokkodha. Tphni kun yoomessa keessatti taphatamu, adeemsaafi seera ittiin taphatamuus niqaba. Namni mo’ame tokkos haala dabareesaaa eeggatee itti taphatu niqaba.  Haalumakanaan faayidaan inni jireenya dhala namaa keessatti qabu olaanaadha.

    Taphni saddeeqaa yoomessa mataasaa keessatti taphatamu niqaba.  Yeroo mara taphni kun dhakaarraatti sa’a guyyaa tapha taphatamudha. Dabalataanis, ijoollonni yeroo hedduu horii tikaafi qarree lafa boolli saddeeqaa jirutti taphatu. Kunis, hojii garee yookaan lama ta’anii taphatamudha. Gosa isaa irratti hundaa’uun gola tokko keessa saddeeqni sadiis afuris namu’uu danda’a. Yeroo baay’ee erga facaasaan midhaanii dhumee yeroo boqonnaa tapha taphatamudhas. Yeroo taphataa turan sana keessatti taphattoonni kan irra caalaa raawwatan jecha caalaa gochaanidha. Jechatti  kan fayyadaman yeroo yaadaan wal morman qofadha.

    Taphni saddeeqaa adeemsa ittiin taphatamu qaba. Tapha kana keessattii jalqaba saddeeqa afur afur boolla sadeeqqatti naqatu.  Itti fufuun gosa tapha taphatanii  inni tokko gaafata.  Inni faallaan immoo dhalaa jedhee deebisaaf.  Sana booda inni jalqaba taphicha eegale boolla saddeeqaa isa duubaan dhumarra jiru keessaa sadeeqa hammaaruun irra firfirsuu eegala. Bakka irratti fixe keessaa hammaarrachaa irra firfirsuun hanga naanna’ee gola qullaa irra ga’utti taphatee boolla qulla irra yommaa ga’u dhaabata.  Sana booda inni karaa faallaa isaa taa’ee jiru gola isa dhumaa keessaa hammarratee irra firfirsuu eegala. Sana booda adeemsa gola gola isaanii keessaa yommuu boolli takkaa keessaa hammaaramee deebi’ee afur ta’e fuffudhachaa taphatanii dhumarratti hanga golli isa tokkoo qullaa hafuutti taphatama. Ittuma fufuun, dhuma irratti saddeeqa nyaatan sana boolla boolla isaaniitti naqatani inni tokko gola isa tokkoo keessaa lama kessa seenee naqatee sararaan daangaa gidduu buusa. Itti fufuun inni jalqaba lammata irratti taphate isa kana keessatti immoo baraarii’ (dura bu’aa) ta’ee taphachuu eegala. Haaluma duraan itti fufanii taphicha otoo taphatanii inni tokko gola isa tokkoo keessaa boolla saddeeqa sadii qabu irratti waan fixuuf arfaffaa irra buusee jalaa fudhata. Marsaa sadaffaa irratti immoo boolla hunda irraa waanfudhateef taphichi xumurama.

    Tapha saddeeqaa keessatti namni mo’atamee taphni haaraan akkaataa inni itti fufuu qabu jira. Tapha saddeeqaa kana keessatti taphnoonni gareen tokko yoo mo’ame, isa bira taa’ee dabaree eeggatuuf gadhiise ba’a. Isaan kunis gola saddeeqaatti sadeeqa naqatanii caqii taphanna waaliin jechuun eegalu. Inni jalqaba eegale kan isaa keessaa gara gidduutii gola tokko kessaa saddeeqa tokko fuudhee gola isa itti aanu keessaa fuudhee isa itti aanu keessa buusa. Haaluma kanaan, hanga naanna’ee bakka irraa  eegale ga’utti itti fufa. Yeroo gola irraa eegale bira  ga’u sadeeqa hunda hammaaree itti fufee firfirsa. Tapha kana keessatti yeroo irra  firfirsu kan isa faalla isaa keessatti gola sadeeqa lama qabaatee sadaffaa irratti yoo xumure caq’ godheera jedha. Sana booda, golli sun kan namichaati keessatti kuufamaafi. Gareen faalla isaa yoo irratti xumure saddeeqa lama qofa irraa fudhatee gola kan isaa keessaa hammaree irra firfirsa. Haaluma kanaan taphichi itti fufee tapha jalqabaa keessatti inni tokko mana lama qofa hambisaafi. Tapha sadaffaa keessatti immoo ‘dilbii’ taphanna jechuun eegalu. Tapha kana keessatti immoo taphicha keessatti gola isaa keessatti yoo xumure gola isa faallaa isaa keessaa kallachaan toora isa keessatti xumuree keessaa fudhachuun kan nyaatanidha. Yoo kan faallaa isaa keessatti xumure ‘irra bule’ jedhamuu nidanda’a.  Mo’ichi isaanii baay’ina gola wal irraa fudhataniitiin murtaa’a.

    Taphni saddeeqaa kun faayidaa hedduu dhala namaa gonfachiisa. Inni jalqabaa,  ciminaan fageessaanii yaaduu, xiinxaluunfi fagootti tilmaamuun bira ga’uu nama gonfachiisa.  Kanaafuu, taphni kun bashannansiisuu cinaatti aadaa hawaasaa, lakkoofsa, tartiibaafi seera barsiisuun dandeettii yaaduufi fagootti xiinxaluufi tilmaamuu akka dagaagfatan taasisa.  Dabalataanis,  tapha kana keessatti ijoollonni yaadanii eessatti akka xumuran fagootti tilmaamuun waan taphataniif dandeettii xiinxallii isaanii daran dagaagsuu danda’a. Kunis, dorrobaa faalla isaa dhalshiifachuu, rimeessa gurguruu danda’uu qaba jedhamaan. Akkasumas, haala itti dilbii isaa nyaachuu danda’u tilmaamuun fageesseeti yaada.  Darbees bakka inni irraa hincorannetti caq godhachuu danda’uu qaba Ademsi kunneenis walitti qabaatti dandeettii bilchina sammuu daran gabbisu jechuun nidanda’ama.

    Wabii: Seenaa tapha aadaa Oromoo










  • loader Loading content ...
  • @Moti   1 year ago
    Aadaa Dimookraasi Oromoo keessatti ijoon (Muummeen) aangoo namoota guguddoo, kabajamoo harka hin jiru. Abbooti Gadaa warra biyya bulchan harka hin jiru. Ijoon aangoo Gumii uummataa isa wagga saddeet saddeetiin walgahu harka jira, Gumiitu aangoo hunda caalu qaba. Gumiin walgahee seera dabe ni sirreesa, namoota aangoora jiran ni gorsa, yoo balleessaa qabaatan ni adaba. Warra dadhaboo ta’ani fi warra uummata tajaajiluuf fedha hin qabaane immoo ni jijiira, seeroota turan irra deeb’ee in xinxala. Booranatti Gumiin kan waamamu Gadaan tokkoo taayitaa qabate waggoota afur booda. Yeroo Gumiin mari’atu kan Gumii hoogganu jarreen aangoorra jiran miti (isaan ofiifuu waan qeeqamaa jiranuuf). Abbootii Gadaa waara bara afur dura aangoo gad-dhiisanii fi waara isaan duraatu hooggana. Gumiin dubbii kan murteessu sagalee caaladhaan qofaanii miti, yeroo itti baleessee wal-amansiisuu ni yaalaa. Caffee keessatti Abbaan Bokkuu fi Qaalluun sadarkaa walgituurratti argamu.

    Wabii: Saba Oromoo fi Sirna Gadaa
  • loader Loading content ...
  • @Moti   1 year ago

    Hoogganootni Gadaa Biyya irra adeemanii qachaa keessatti qubachuudhan dhimmoota adda addaa fiixan baasu. Dangaa murta’e jiru keessatti bulchiinsa gaarii tolchuu. Diini dangaa sana akka hin seene ittisuu, fakk. Abbaan Duulaa miseensota sadarkaa Kuusaa (qondaala) leenjisee duulaf qopheesa. Bakka bu’ootni Saba Oromoo kun akka Salgee fi Shaneetti of ijaaranii dhimma Bulchinsaa, Siyaasa fi Diinagdee (Misoomaa) irrati hojjatu.

    Hojjaa Abbaa Gadaa Fixee (Muummicha)

    •   Koree Gadaa ykn Gumii waamuu, walitti qabuu
    •   Marii, dubbii walgayii irratti godhamu ni hooggana, ni to’atas
    •  Hundee ijoo dubbii, Gumiin irratti walii-gale gabaabsee miidhassee ibsa
    •  Haala ilaalee murtee fudhatamaa qabu dhiheessee yaada maruu
    •  Namoota dubbii fudhachuu didanii mufatan karaa adda addaa itti dhihaatee, eebban, sossobbidhaan araarsuu yaaluu.


    Wabii: Saba Oromoo fi Sirna Gadaa




  • loader Loading content ...
  • @Moti   1 year ago
    Jaarmiyaa Mootummaa ol’aanaa fi Araaraati. Geggeesitoota Gadaa biratti abbaan Bokkuu kabaja fi ulfina guddaa qaba. Abbaan Bokkuu kan Gadaa dursu dha. Ol’aantummaa (aangoo) dhalootan maati angafaa ta’e (fakk. kan Tuulamaa Daacci keessa gosa Galaan jechaadha) keessa argamudha. Tuulammni Bokkuu shan qaba, shananuu harka warra hangafaati argama.

    Walumaagalatti Abbaan Bokkuu Hojjaa kanaa gadii qaba

    • Waliti bu’iinsi uummata gidduutti yoo ka’e tasgabbeesuu, araarsuu.
    • Humni diinaa dhufee biyya baleessuf yoo ka’ee Abbaa Gadaa wajjin duula Labsuu (akka uummatni ka’u gochuu).
    • Bokkuun amantaan walqabatee qaama siyaasaa Gadaa kan dursuudha. Kanaafuu yeroo walgayiin Chaffee (Gumii) godhamu eebiisee saaqa.
    • Yeroo Baalii fudhachuuf Gadaan Raabaa Doorii deemu ni hooggana.
    Wabii: Saba Oromoo fi Sirna Gadaa
  • loader Loading content ...
  • @Moti   1 year ago

    Hoogganoota amantii waaqeffanaatti, namoota safuu waaqaa fi lafaa beekan, warra obsa qabeeyyi, warra kadhatanii waaqaraa argatan, warra laguu eeggatan, warra yeroo ofii amantiidhaf kennan, warra yeroo eebbisan waaqni dhaga’uu kkf., waara ta’anii dha. Jaarmiyaalee Gadaan ijaaree kessaa kan araara irratti hojjatan tokkoo jaarmiyaa warra Qaalluutti. Qaalluun (Ayyaantuun) yeroo gadoomaa Abbaa Gadaa eebisee ni muuda.

    Wabii: Saba Oromoo fi Sirna Gadaa

  • loader Loading content ...
  • @Moti   1 year ago
    Abbootiin Gadaa Oromoo akamiti Hojjatu?
    Akkuma saboota biraa, mootummaan oromoos haala hoojjaadhaf mijaa’aa ta’een ijaaramee biyya hooggana. Sirni Gadaa Oromoo hojjii fiixan baasuuf, Oromiyaa keessa bakka hedduutti hayyoonni akka hojjii raawwachistuutti dalaga warra gaggeessan, nama sagal sagaliin, Salgan Yaa’ii Booranaa kan jedhamaniin, ijaaramannii hojjatu. Isaanis sadeen Abbootii Gadaa, 1. Abbaa Gadaa fiixee, 2. Abbaa Gadaa Mandhichaa fi 3. Abbaa Gadaa Kontomaa kan jedhaman wara duraa yoo ta’an, akasumas Abbaa Muudaa, Abbaa Seeraa, Abbaa Alangaa, Abbaa Sa’aa, Abbaa Biyyaa fi Abbaan Duulaas miessnsota mana maree ti. Jareen kun hojjii raawwachiistuu damee hojjii (waajira) adda addaa ti. Boorana keessatti warri baay’ee barbaachisaa ta’an lakkofni isaani jaha yoo ta’u, isaanis gosoota lamaan Booranaa (Sabboo fi Goona) keessaa namoota sadi sadii kan filamanii dha. Jarreen kun akka ol’aanaafi gadi aanaa odoo hin tain walqixxummaatti wal kabajaa hojjatu. Murteen sagalee baayy’inaan ykn wal-amansiisuu dhaan murama. Booranatti Abbooti Gadaa sadii (Abbaa Duulaa, Abbaa Sa’aa fi Abbaan Muudaa) yeroo fi bakka

    Wabii: Saba Oromoo fi Sirna Gadaa
  • loader Loading content ...
  • @Moti   1 year ago
    Keessatuu bara 1270 (bara ka’umsa Yukuno Amlak fi moloksicha Takla Hayimanoot) irraa eegalee hanga dhumaa bar-dhibbee 15ffaa tti Oromoon dhiibbaa fi roorroo humnoota Kiristaana fi Islaamaa jala akka ture ragooleen hedduun ni jiru. Roorroo kana ittisuurratti gootota fi hayyoota hedduutu wareegame. kanaan kan ka’e sabni Oromoo walakaan (qixxeen) isaa manaa fi biyya abbaa ofii gadi lakkisee waan qabu fudhatee gara kibbaa fi Bahaatti godaane. Achiittis dhiibaan ittuma fufe. Kana booda Oromoon gara waggaa dhiibba tokkootif roorroo kana of-irraa ittisuuf mala dhahaa ture, keessumaa bara Gadaa Gadawwoo Galgaloo 1470s keessa haala karaa lolaattin biyyaa ofii falmanii deebifachuuf akka toluutti of ijaaruun barbaacisaa akka ta’e amanee, hawwaasa umuriin ijaaree, akka umurii isaatti dirqama itti kenne. Gadaan ini calqabaa akka haarati waan ijaarameef “Gadaa mala-haaraa baase ykn Gadaa mala-baase” jedhamee  hayyootan moggaafamee, meedhicha hidhate. Maqaan Gadaa kanaa seenaa keessatti Gadaa Melbaa jedhameeti beekama.

    Bara Gadaa Melbaa 1522-1530
    Gadaan Melbaa jedhamu (1522-4530) Oromoo dhaf Gadaa isa calqabaa miti. Isa duraayyuu bara kuma caaluuf Oromoon Gadaan bulaa akka ture ragaan ni jira. Gadaan Malbaase garuu uummata bara saddeet saddeettin qoodee namoota waggaa 8 olii fi 80 gad jiraniitti dirqama adda addaa kenne. Bara Gadaa kanaa Oromoon calqabaaf Abbaa Duulattiin of ijaaree, akka kana duraa yeroodhuma ormi itti dhufu of irraa ittisuu qofaa dhisee biyya ofii deebifachuuf jecha bakka Habashooni irraa fudhatan dhaqee loluu calqabe. Waraani Oromoo bara sanaa akka waraana qaroomeetti hiriiree loluu calqabe. Gadaan Melbaa Baale deebifachuuf yeroo lolu mooticha Habashaa Faasil jedhamu ajjeese. Gadaan kun lola irratti cimaa akka ture warri habashaatuu (Abbaan Baahireetu) raggaasee ture.

    Bara Gadaa Muudanaa 1531-1538
    Gadaa Melbaattii aanee aangoo kan qabate Gadaa Muudanaa ti. Bari kun bara warri Kirstaanaa fi Islaamaa (Imaam Ahimadiin hoogganamuu) akka hamaatti wal waraanaa turani. Yeroo kana keessa Oromoon xinnoo afuura argatee akka laayyootti lafa ofii hanga tokko qabate. Waan waaqni diinoota isaa lamaan wal waraansiseef, Gadaa kana waaqatu mirga muude jechuudhan, Gadaa Muudanaa jedhee moggaasee. Gadaan Muudanaa kun seeroota lama daballee tumuudhaan seenaa Gadaa keessatti beekama, isaanis:
    1. Lubni hundi akkuma aangoo qabateen akka duulu,
    2. Lubni hundi osoo lafa dabalee hin bilisoomsiin meedhacha akka hin hidhaanne kan jedhan ture.
    Seerooni kun akka Oromoon jabaatee biyya abbaa isaa deebifatu hedduu gargaare. Gadaa Muudanaatu dura laga Waabee ce’ee lafa qabate jedhe Abbaan Baahire.

    Bara Gadaa Kiilolee 1539-1546
    Muudanatti aanee kan baalii fudhate, Gadaa kiilolee ti. Bara Gadaa Kiilolee keessa Habashoonni gargaarsa warra Poortugaaliin, Imaam Ahimadiin bara 1543 waan ajjeesaniif qalbii tokkoon Oromoo irratti xiyyeefatanii meeshaa ammayyaa fi human waraanaa Awwroopaa irraa argataniin gargaaramuudhan Oromoo irratti duulani. Mootichi Habashaa (Galaawudoos) Imaam Ahimadiin ida ajjeese booda, waraana guddaa nama Adaal Mabiiraq jedhanuun hoogganamu gara Oromootti bobbaase. Gadaan Kiilolee waraana Habashaa fi Faranjii meeshaa hammayyaa (madfi) hidhate kana bara 1545 of-irraa rukutee, ajajaa waraanaa ari’ee laga Awwash ceesise. Waraani habashaa hedduun harka Gadaa Kiiloleetti baqee dhume jedhe Abbaan Baahire. Humnoota Habashaa fi Faranjii meeshaa hammayyaatti gargaaramanu waan mo’eef, Gadaa dhugaa lole, kan Lole jedhamee seenaa keessati yaadatama. Jechi „kan lole“ jedhu kun bara dheerina keesa „Kiilolee“ jedhamuun beekama. Itti aanee baali kan fudhate Gadaa Biifolee ture.

    Bara Gadaa Biifolee 1547-1554
    Barri Gadaa Biifolee bara mootiin Habashaa lola warra Islaamaa waliin qabu moo’atee humna isaa mara gara Oromoo qofaatti xiyyeefate ture. Mootichi Habashaa Galaawdos, Adal Mabiraq moo’amuu dhaga’ee humna isaa waliti gurmeesee waraana Portugaal wajjin Oromoo irratti bara 1548 duula guddaa saaqe. Gadaan Biifolee diina itti dhufe qolee, rukuutee moo’uudhan of irraa deebise. Lafa bal’aa dabalee qabachuu dadhabus, humana guddaa kana falmee moo’ee of irraa deebisuu waan danda’eef, waanti hojjate akka gootumaa guddaati fudhatameefii maqaa Bif-oole jedhamu akka argatu ta’e. Bif-oole jechuun odoo hin dabaliin, odoo hin hir’isin akkuma jirutti, bifuma duraan jiruun eegee dabarse jechuu dha. Jechi “Bif-oole” jedhu kun bara dheeraa keessa Biifolee jedhame. Gadaan Biifolee dangaa Oromoo eegee, dirqama ofii raawwatee aangoo gara Gadaa Michilleetti dabarse.

    Bara Gadaa Michillee 1554-1562
    Miidhaan warra Abashaa fi Islaamaa karaa lamaan jabaatee waan dhufeef Gadaan Michillee seerota sadii baasee labsuudhan hojjaa irra oolchee ture, isaanis:
    1. Namni diina hin ajjeefne akka hin fuune, akka rifeensa mataa isaa hin 
    aaddanne,
    2. Namni ganna 8 oli fi 80 gadii lola keessatti qooda akka fudhatan,
    3. Waraanni Fardaan lolu hedduun leenjifamee akka bobba’u seera jedhu, kun immoo iddoo fagoo deemee akka lolu isa taasise.
    Fardaa fi gaachanaan jabaatee loluu kan calqabe Gadaa Michilleetti. Michillee
    waraana Galawudos, Hamalmaaliin hogganamu waraanee moo’e, Faxagariin (Ererii fi Karrayyu) guutuummaatti harka Oromooti galche. Itti dabalees hooggani Islaamaa Amir Nuur mooticha Habashaa Galawudosiin waraanee moo’ee (ajjeesee), gammadee ayyaaneffachaa otoo jiru Michille Harariin qabate. Amir Nuur oduu kana dhaga’ee otoo inni gara Haraaritti deebi’uutti jiruu Michille bakka Tulluu Haazaaloo jedhamutti haxxee hidhatee rukute. Lola kana irratti Oromoon hedduun dhumu’ilee waraanni Amir Nuur moo’ame harka Michilleetti baqee raawwate. Abbaan Baahire akka barreesetti Gadaan 5ffaan Missillee jedhamu biyya waraanee moo’atee idda balleesee booda loon ofii fudhatee itti gale jedha. Oromoon durii biyya waraanee waan barbaade idda godhee booda gara dhufeti deebi’aa jechuu isaattii. Seenaa Oromoo keessatti kan akka Gadaa Michillee diinota, warra habashaa (kan Portugaalin gargaarame) akkasumas Afaar (kan Turkiin gargaarame) haleelee dangaa bal’aa bilisoomse hin jiru. Michillee jechuun, bineensa bara caamsaan hammaatee yeroo haroon qooru bakka bishaan ture keessa bahu, bineensa gurraatti hanga saree xiqoo geessu, kan waraanni hin seenne, kan nama hin soodaanne, kan nama duukaa kaattee nama ciniintu, bineensa hamtuu dha. Gadaan Michillee farda luka afur qabu yaabatee gaachanaan waraana of irraa qolatee waan bakka yaade ga‘eef Gadaa Michillee jedhamee moggaafame.

    Bara Gadaa Harmufaa fi Gadaa Hambisaa 1563-1570
    Gadaan Michillee dangaa bal’aa waan bilisoomseef dangaa bal’aa kana Gadaa tokkoon hoogganuun rakkisaa waan ta’eef Gadaan duraan Boorana fi Baarentuu irraa ijaaramee hooggana tokkoon walfaana socho’aa ture bakka lamatti qooduun dirqama ta’e.
    Baarentuu Gadaa Harmufaa akkasumas Boorani Gadaa Hambisaatiin akka hoogganaman godhame. Harmufni Bageemdir rukutee gosati moggaasee of jala galche, Hambisaan immo duula guddaa mooticha habashaa Minaas Oromoo irratti bobbaase jabinaan falmee, balaa dhufu danda’u hambise. Hambisni akka Harmufaa lafa bal’aa dabalee qabachuu baatuus, kan ture akka jirutti eegee dabarsuu waan danda’eef, Gadaa Harmufaa wajjin meedhicha hidhatanii baali dabarsanii Gadaa Roobaleetti kennan.

    Bara Gadaa Roobalee 1571-1578
    (Roobalee Baarentuu fi Roobalee Booranaa)
    Roobaleen lachuu wal gargaarudhaan Bagamdir fi Wallootti duula guddaa bananii (keessatuu Roobalee inni Booranaa Amaaroota hallayyaa fi holqatti naquudhan) dangaa biyyaa bal’dhisuu danda’anii turan. Wa’ee Gadaa Roobalee Abbaan Baahire akkas jedha, waggaa saddeet booda kan bakka Harmuufaa qabate Roobaleen ilma Gadaa Muudanaa ti, isa kan Shawaa balleessee Gojjaamin rukutee, nama aangoo cimaa qabu Azmaachi Zari Yohannis ajjeese jedhe.

    Bara Gadaa Birmajii 1579-1586
    (Birmajii Baarentuu fi Birmajii Booranaa)
    Gadaan Birmajii Baarentuu habashaa Kaabaa akka malee muddee qabuudhan, Dambiyaa rukutee Abooli fi Baahera Nagaash yeroo ajjeesu, Gadaan Birmajii inni Booranaa maqaa Maccaa fi Tuulamaatiin ijaaramee Amaaroota bakka hundaatii ari’ee, lafa fardi isaa seenuu danda’u hundaa qabate. Amaarris gaaratti, hallayyaatti, holqatti galtee dhokatte. “Utuu gaarrii, hallayyaa fi holqi hin jiru ta’ee namni hafu hin jiru jedhe” barreessaan habashootaa Alaqaa Atsimeen.

    Bara Gadaa Muul’ataa 1587-1594
    (Muul’ataa Baarentuu fi Muul’ataa Booranaa)
    Bara Gadaa Muul’ataa kana Walloo hedduu hin duulle. Yeroo lama qofaa Gondoritti duulee deebi’ee qubate jedhama. Muul’ataa Maccaa fi Tuulamaa garuu duula isaa itti fufee. Bifa lolaa geeddaree Amaara karaa irratti gaadee ajjeesuu calqabe. Gaara gidduu fi saqa dhiphoo ta’an gidduutti eegee ajjeesaa, murataa ture. Bakka farda isaaf mijaa’u mara Goojjaami fi Gondor keessa gulufee, qabatee, basha’ee achi taa’e.
    Barreesan yeroo sanaa Abbaa Baahire akka jedhetti, biyyi Gadaa Booranaa jalatti bule, kan hafe tokko lee hin jiru jedhe. Muul’atni baalii Gadaa Duulootti dabarsee kenne. Haala kanaan Abbootin Gadaa injiffannoo ida argatanii booda sabni Oromoo hanga sirni Nafxanyaa jaarraa 19ffaa keessa ka’uutti jaarraa lamaa ol tasgabbaa’ee Gadaa isaa kabajataa nagaa dhan jiraataa ture.

    Wabii: Saba Oromoo fi Sirna Gadaa
                Oromo Democracy: An Indigenous African Political System by Asmarom Legesse
  • loader Loading content ...
    Load more...
loader Loading content ...

Comments (3)


loader Loading content ...