loader

Topics (310)


loader Loading content ...

Explanations (311)


  • @Adugna   1 year ago

    Abbabaa Biqilaa gaafa Hagayya 7, 1932 maatii Oromoo gosa Abbichuu ta'anirraa dhalate; iddoon dhalootasa araddaa Jaatoo jedhamtu kan Mandiidarraa km 25 fagaate argamtuti. Guyyaan dhalootasaa kun guyyaa Maraatoonii Olompiikii Loos Aanjeles ture. Abbabaan ijoollumaatti tiksee ture. Abbabaan boodarra eegduu mootichaa ta'uudhaan maatii isaa gargaaruu waan barbaadeef gara Finfinnee dhaqe. Finfinneettis jalqaba eegduu dhuunfaa ta'uudhaan maatii warra sanyii mootii eeguu jalqabe. Abbabaan atileetii Olompiikii maraatoonidhaan si'a lama mo'ee yoo ta'u irra caala kan ittiin addunyaarratti beekkamu bara 1960 tti Olompiikii Gannaa luka duwwaa kaachudhaan medaaliyaa warqii argachuu isaatini.

    Abbabaan garee Olompiikii Itoophiyaatti kan makame dhumarratti yeroo xiyyarri gara Room deemuu ka'uuf jedhutti. Abbabaan garee kanatti kan makame  Waamii Birraatu kan taba kubbaa miilaa odoo tabatuu miidhame bakka bu'uudhaani. Meejer Onni Niskanen Abbabaa Biqilaa fi Abbabaa Waaqjiraa maraatoonii akka isaan fiigan godhe. Adidaas, ispoonsariin Olompiikii Gannaa 1960, qophee muraasa qofa qaba ture yeroo Abbabaan qophee itti ta'u filachuu dhaqu; sababa kanaaf qophee itti hin taanet kennameef, kanaafuu itti fayyadamuu hin dandeenye. Fiigichi odoo hin jalqabin sa'a lamaan tokko dura, Abbabaan akkuma yeroo leenjii godhu lukaan kaachuuf murteesse. Leenjisaan isaa Niskanen waa'ee morkattoota isa wajjin fiiganii itti himee akeekkachiisaa ture; kana keessaa tokko lammii Morookoo Raadi Bin Abdiselaam kan lakkoofsa 26 uffatu ture. Sababa hin beekkamneen garu, Raadiin fiigicha dura uffata maraatoonii gurraacha kan lakkoofsa qabu hin arganne ture, kanaafuu uffata yeroo tiraakirraa fi dirreerra fiigu uffatu kan lakkoofsisaa 185 ta'u uffate. 

    Fiigichi gara galgalaa godhame kun jalqabnisaa fi dhumnisaa aarchii Konistaantiin kan Koloosiyeemii fuuldura jiru ture. Yeroo fiigichaa kana Abbabaan lakkoofsa Raadii 26 barbaaduuf jecha atileetota baayyee bira darbee fiige. Yeroo km20 ta'u, Abbabaa fi Raadiin(kan lakkoofsa 185 uffate)  atileetota fiigaa jiran isaan kaanirraa faagaatanii addatti bahan. Abbabaan nama lakkoofsa 26 uffatee barbaaduf jecha gara fuuldura ittuma fufe; Raadiin isa bukee fiigaa namicha jiru ta'uu hin barre. Jarri lamaan amma 500m ga'anitti wajjin fiigaa turan; meetira 500 booda, Abbabaan furguffamee bahee xumure. Abbabaan sa'aatii riikardii ta'e 2:15:16.2 galmeessuun moo'ate. Moo'icha kanaanis, Abbabaan nama gurraacha Aafrikaa medaaliyaa warqii Olompiikirratti argate kan jalqabaa ta'ee galmaa'e. Abbabaan Raadii sekendii 25n dursee fixe. Fiigicha booda, Abbabaan yeroo maaliif akka luka duwwaa kaate yoo gaafatamu "addunyaan marti biyyikoo Itoophiyaan yeroo hunda kutaannoo fi gootummaan akka moo'attu akka baran gochuufi" jedhee deebise.

    Ji'a Mudde 1960, yeroo Hayila Sillaaseen Biraazil daawwachaa jiruu, humni eegdota mootichaa jeneraal Mangistuu Niwaayin geggeeffamun fonqolcha mootummaa geggeessan. Ilma Hayila Sillaasee angafa Asfa Wasan mootii godhanii muudan. Sababa kanaan lollii Finfinnee walakkaatti geggeefame, dhuka'aan masaraa mootichaa keessatti dhuka'ee namoonni mootichatti dhiyeenya qaban baayyeen du'an. Abbabaan fonqolcha kana keessatti hirmaachuu baatus, yeroo gabaabadhaaf hidhamee mana hidhaa ture. Eegdonni mootichaa kan lubbuun hafan hundisaanii hin bittineeffaman. Gaazexaan tokko akka ibsetti: "Abbabaan lubbuunsaa kan hafteef sababa madaaliyaa warqii sanaafi". 

    Bara 1961, Abbabaan maraatoonii biyya Giriik, Jaappaan, fi koshissa Chekosilovaakiyaatti fiigee hundumaa moo'ate. Abbabaan Maraatoonii Boosten kan 1963 irratti fiigee 5ffaa ta'ee xumire - Abbabaan fiigicha maraatoonii fiige odoo hin moo'atin kan xumure kana qofa. Abbabaan gara biyyaatti deebi'ee dorgommii kamirrattuu odoo hin hirmaatin ture amma 1964 tti ture. Bara 1964 Finfinneetti dorgomee, sa'a 2:23:14 xumure. Olomppikki Gannaa Tookiyoo kan 1964 jalqabuu guyyaa 40 dura, Abbaana naannoo Finfinneetti odoo shaakalliirra jiruu, dhukkubbiin itti dhaga'amuu jalqabe. Dhukkubbiin maalirraa akka dhufe hin barre ture. Odoo dhukkubbii kana moo'uf yaaluu of wallaalee gaggabee kufe. Battalumatti gara man yaalaatti yoo geeffamu dhukkuba appendesaayitis ta'uun barame. Abbaabaadhaafis yaalin baqaqsanii hodhuu godhameefi. Kanan yeroo gabaabaa booda odoo dhibee isaarraa bayyanachaa jiruuyyuu hoospitaalichuma keessatti alkan alkan fiigicha salphaa jalqabe.

    Abbabaa Biqilaa gara Tookiyoo deeme, garuu hin dorgoma jedhamee hin yaaddamne. Fiigicharrattis ni hirmaate. Abbabaan tooftaadhuma bara 1960 itti fayyadametti fayyadame: hanga kiilomeetira 20tti wal fuuldurarra jiran wajjin fiiguu, achii booda suuta suuta saffisa dabaluu ture. Kiilomeetira 15 yeroo ga'an,  kan isa wajjin ture lammii Oostiriyaa Roon Kilarak fi lammii Aayerlaandi Jiim Hoogaan qofa ture. Kiilomeetira 20 booda, Hogan qofatu isaan dorgoma ture, kiilomeetira 30 bodda, Abbabaan Hoogaanin sekendii 40 yoo dursu lammii Jaappaan kan sadaffaarra jiru Kokichi Tsuburaya daqiiqaa lamaan dursa ture. Istaadiyeemii kobaa seene yoo seenu ummanni 70,000 sagalee guddaadhaan hiyyanii isa simatan. Dorgommichaas sa'aatii riikardii Olompiikii ta'een 2:12:11:2 moo'ate, kunis daqiiqaa 4, sekendii 8n atileetii lammaffaa ba'e lammii Biriiten Basil Heatley dursa. Kokichi Tsuburaya sadaffaadhaan xumure. Abbabaan seenaa Olompiikii keessatti nama maraatoonii si'a lama moo'ate kan jalqabaati. Erga fixee booda Abbabaan daawwattoota ajaa'ibsiise: nama hin dadhabiin fakkaata, sochii qaama diddiriirsuu jalqabe. Boodarra yoo dubbatus itti fufee kiilomeetira 10 fiiguu nan danda'a ture jedheera. Abbabaan yeroo biyyatti deebi'u akka gootaatti simannaan godhameefi. Mootichis ol isa guddisee, konkolaataa mataasaa, Voolswaagan Biitil adii kenneefi. 

     1968tti, Abbabaa fi Maammoo waldee fiigicha jalqaban (Abbabaaf lakkoofsa 1 kennameef). Yeroo kana garuu Abbabaan erga kiilomeetira 17 fiigee booda sababa miidhama jilbasaa mirgaarra ga'een addaan kutee ba'e. Akka Bud Greenspan's Favorite Stories,  dookimenterii Olompiikii, jedhutti, Abbabaan figicha jalqabuuf guyyaa muraasa dura odoo fiiguu lafee xiqqoo miilasaa cabse. Kan yeroo dheeraa wajjin fiigaa turee fi hiriyaansaa Maammoo Waldee yeroo madaaliyaa warqii nyaatu taa'ee ilaale. Maammoo Waldee booda akka jedhetti, Abbabaan odoo hin miidhamne ta'ee medaaliyaa warqii hin nyaata ture. Bara 1969, yeroo jeequmsa ummatta finfinnee keessa turetti, Abbabaan odoo Volsiwaagan Biitilisaa hoofuu barattootaa hiriira nagaa bahanirraan qaba jedhee odoo yaalu konkolaatansaa karaarraa gortee boolla keessa buute, isas achi keessatti ciniintee qabdee ba'uu dhowwite. Erga konkolaataa keessaa baafamee booda harkaa fi miilasaa sochoosuu hin daddhabe. Biyya Ingilaandi Hospitaala Istook Mandeviil keessatti baqaqsanii yaalun godhameefi. Achii booda fooyya'ee harkasaa sochoosu yoo danda'u millisaa garuu akkasummatti socho'uu didee hafe. Nisaksen Abbabaan akka inni dorgommii aarcherii kan atileetota wiilcheeriin deemanii akka dorgomu amansiise, Abbabaanis maraatoonii Olompiikii isa dhufu wiilcheeridhaanan moo'adha jedhee qoosa ture. 

     Abbabaan akka keessummaa addaatti Olompiikii Gannaa 1972 kan Muuniikitti geggeffamerratti haffeerrame; achitti namni biyyasaa Maammoo Waldeen yeroo inni carraa Abbabaadhaan qixxaachuuf qabu fashaleesse arge. Maammoon lammii Ameriikaa Firaank Shorter fi lammii Beeljiyeem Karel Lismont tti aanee sadaffaa ba'e. Shorter erga madaaliyaa fudhatee booda, gara Abbabaa deemee harkasaa qabachuun kabajasaa ibse. Gaafa Onkoloolessa 25, 1973 Abbabaa Biqilaa Finfinneetti umurii waggaa 41 tti du'e; sababiin du'asaas dhiigni sammuu keessatti dhangala'uudhan kan dhufee fi balaa konkolaataa wagga afur dura irra ga'een kan ka'e ture. Abbabaan haadha manaa fi ijoolleesaa afur dhiisee du'e. Awwaalcha isaarratti ummata 75,000 ta'utu argame. Imperer Hayila Sillaaseenis guyyaa boo'ichaa biyyoolessaa goota kanaaf labsani. Gaazexoonni Aafrikaa hundi maqaasaa jajuudhaan atileetota isaaniif kaka'umsa akka ta'u dubbatan; atileetonni kun kaansaani ergasii madaaliyaa warqii nyaatani. Abbabaan reeffisaa Finfinneetti Bataskaana Qul. Yooseefitti awwaalame. Erga inni due'ee wagga shan booda, Fiigdota Karaa Niwuu Yoork kabajasaaf jecha badhaasa waggaa waggaan geggeeffamu hundeesse - Badhaasa Abbabaa Biqilaa  badhaasni jedhamu kun namoota fiigicha dheeraaf gumaacha addaa godhaniif kennama. Istaadiyeemiin Finfinee jiru tokko kabaja isaaf jecha maqaa isaatin moggaafame. Manni barumsaa Ameerikaan Kominiitii Iskuul kan Finfinnee jiru  jiminaaziyeemii tokko bara 1960n gara dhumaa keessa maqaa isaan moggaase. Hagayya 2005, gargaarsa Dhaabbata Ifa Abdii fi deeggartoota isaa Isaabeel fi Deev Welaandiin, manni barumsaa Oromoo Yaayya Abbabaa Biqilaa Mana Barumsaa Sadarakaa Tokoffaa jedhamu yaaddannoo isaaf ummata Madiidaatiin dhaabbate. Manni barumsaa kun araddaa Jaatoorraa meetira mana dhibbatti lakkaa'amu fagaata. 

    Wabii: Seenaa Abbabaa Biqilaa

  • loader Loading content ...
  • @Adugna   1 year ago
    Bara durii namticha Joobiraa jedhamu tokkotu ture. Namichi kun baay’ee gaarummaa qaba. Ilma namaa qofaa osoo hin ta’in bineensa daggalaallee ni mararfata. Cubbuu waan jedhan takka hin beeku.  Namtichi kun gaaf tokko imala dhaquuf ganamaan manaa bahee,osoo karaa deemuu iyya namaa dhaga’e. Namtichi “maaloo naaf bahaa” jedha. Joobiraan asiif achi laalus sagalee malee namicha iyyu arguu hin dandeenye. Maddii tokkotti siglaan boqoonqa tokko arge. Namichis kan iyyu boqoonqicha keessaa ta’uu hubatee, waan godhu wallaaluun gaddaa ofirra taa’e.

    Takka turee mala argachuun tushaa dheeraa foo’ee boqoonqichatti yoo gadhiise namichi tushichatti rarra’ee bahuu akka danda’u hubate. Yeroo gabaabaa keessattis tushaa dheeraa foo’ee, fiixee tokko qabee fiixee tokko boolichatti gadhiise. Tushicha harkisee yeroo baasu kan tushicha qabatee bahe leenca ture. Leencichis Joobiraa galateeffatee deeme. Namichi garuu inuma iyya.

    Joobiraanis,yeroo lammataaf tushicha gadi deebise. Garuu kan tushicha qabatee bahe namticha osoo hin ta’in jawwee ture. Jawwichis Joobira galateeffatee deeme. Namtichi ammas iyyasaa itti fufe. Joobiraanis yeroo sadaffaaf tushicha boqoonqichatti gadi deebise. Yeroo kana namtichi tushicha qabatee bahe. Innis Joobira galateeffatee gammadaa gara qe’ee isaa qajeele. Joobiraan ammoo waaqa galateeffataa imalasaa dhaqe.

    Yeroo dheeraa booda Bonni hamaan bu’ee, sababa Bonichaan Joobiraa jalaa loon dhumanii hiyyummaan harka qabatte. Ilmaan isaa beelaafi dheebuun dararamteef, nyaata barbaacha adamoof osoo deemuu leencaafi jawween gaafas inni boolla keessaa baase itti dhufan. Isaanis huqqina Joobiraa arganii “Maal taate?” jedhaniin. Innis sababa Bonaatin hiyyoomuu isaa itti hime. Isaanis baay’ee gaddanii “Gargaarsa siif goonaa boru ganama nutti deebi’i!” jedhaniin. Joobiraan ganama barraaqaan  gara leencichaafi jawwichaa deeme. Yeroo deemu leenchi lafa fagoorraa loon saamee qopheesseefiira. Jawwichi ammoo daaba qalqala tokko qopheesseef. Joobiraan daabasaa baattatee loonsaa ooffatee gale. Maatiin isaas gammachuudhan simatan.

    Waa bubbulee Joobiraan daaba isaaf bittuu barbaacha gara gabaa utuu qajeeluu, karaa irratti namicha gaafsana leencaafi jawwee waliin boollaa baase sanatti dhufe. Nagaa hoo’aa erga wal-gaafatanii booda Joobiraan sababa Bonaatiin hiyyoomee akka tureefi leenciifi jawween hiyyyummaa keessaa akka isa baasan himeefii, bittuu barbaacha gabaa deemaa akka jirus itti hime. Namtichi ammoo “Bittuu anatu sii fida. Waan isaa anatti dhiisi,” jedheen. Joobiraanis “Bor ganamaan sin eega.” jedhee ofirra deebi’ee gale.

    Namtichi garuu qabeenya Joobiraan argatetti akka malee waan inaaffeef, qabeenya san irraa saamuu yaade. Kanaaf jechas masluuftota gurguddoo afur   magaalaa keessaa fudhatee ganamaan gara mana Joobiraa deeme. Yeroo isaan achi ga’an Joobiraan reefu hirriibaa ka’a. Erga harka walfuudhanii booda “Daabicha fidi.” jedhaniin. Joobiraanis waa bittaaf dhufan se’ee daabicha  gaafa gadi baasu, namtichi haqaaqee isa qabnaan, masluuftotnimmoo tuushaadhaan harkasaa lameenuu dudduubatti hidhan.

    Sanaan booda namtichi sun “Qabeenyi kun cufti keetii miti; leencaafi jawwee qabeenya kana siif kennan saniinis kan wal barte sababa  kiyyatti. kanaaf, daaba kanas ta’ee loon kana natu fudhachuu qaba” jedhee itti dheekkame. Joobiraan harkaafi miila hidhamee waan jiruuf,waa takka dubbachuufi warraaquu hin dandeenye.

    Jarri looniifi daabasaa  fudhachuun akkuma  qe’ee Joobiraarraa  xiqqoo siqaniin, leenciifi jawween sun itti dhufan. Jawwichi jara shananuu hiddee ajjeese. Leenci ammoo cicciree isaan nyaate. Boodarras looniifi daabni Joobiriif deebi’e jedhama.

    Wabii: Seenaa aadaa Oromoo
  • loader Loading content ...
  • @Adugna   1 year ago

    Sirna Gadaa sirna ittiin bulmataa Oromoo ti. Gadaan jaarmayaa umurii fi dhalootan ijaarame yoo ta'u sirna bulchiinsaa diimokiraatawaadha. Gadaan sirna ittiin siyaasnidinagdeenii fi hawaasummaan ummata Oromoo ittiin murteeffamu, kan miseensi sabichaa mirgaa fi dirqama isaa beekee ittiin walii galuu fi tokkummaan ittiin waliin jiraatudha. Sirni Gadaa diimookraatawaa ta’uu isaa beektoonni seenaa fi saayinsii hawaasaa hedduun mirkaneessanii jiru.

    Sadarkaa Gadaa

    Akkaataa waggaa dhalootaatiin gurmuu ykn murni ilmaan kormaa tartiibaan keessa dabran sadarkaa Gadaa jedhama. Sadarkaan Gadaa tokko waggaa saddeet qaba. Waggaa saddeet saddeettan kanaan namni Oromoo hamma gaafa dulloomee du'utti hawaasa keessatti bakkaafi qoodama dalagaa qabaata. Sadarkaaleen Gadaa ilmaan kormaa keessa dabran bakka gariitti amala addaa yoo qabaatanillee waliigalatti akka armaa gadiitti keenya.

    • Dabballooma (waggaa 0-8)    
    • Gaammoma (waggaa 9- 16)
    • Dargaggooma (waggaa 17- 24)
    • Kuusoma (waggaa 25- 32)
    • Raaboma (waggaa 33 - 40)
    • Gadooma (waggaa 41- 48)
    • Yubooma (waggaa 49- 56)


    Dabballee (Ganna 0-8)

    Dabballeen sadarkaan daa’immaaniiti, da'imman umurii 0-8 qaban Dabballee jedhamu. Riifeensi mataa mucaa sadarkaa Dabballee hin haadamu, guduruu guddifata. Akkasumas Dabballeen maqaa kan argatu yeroo sadarkaa kana huluuqe, amma sanatti maqaa manaatin waamama (fakk. Jaldeessoo, Qamalee kkf.). Warri isaanii horii aannanii kan hin qabaane yoo ta’an gosatu annan kennaf. Wa’ee safuu bu’uuraa baratu, fkn kan akka gadhee fi gaarii, firaa fi diina addaan baasuu baratu. Galgala galgala himtee (myth), tabahiibboo fi seenaa akaakayuu fi abbaabileetuu itti himama.

    Ittimakoo (Gaammee Didiqqaa) (Ganna 8-16)

    Mucaa sadarkaa Dabballeerraa rifeensi mataa haadamee, firri waamamee ayyaani guddaan godhamme, kennaan goromsa tokkoo (Gubbisa) erga godhameefii booda gara Sadarkaa Gadaa Ittimakootti (Gaammee Didiqqaa) ce’a. Kana jechaan Hammachiifamee maqaan baafama. Guyyaa hammachiisaa kanaa eegalee maqaa kanaan beekama. Ijooleen Sadarkaa Ittimakoo seenan bara afur booda gaammee haaddatanii, Roggee filatanii, jabii tiksuu, bishaan daakuu, farada gulufuu, sirba sirbuu fi geerarsa geeraruu baratu. Hidda saynii yoo xinaate amma mana kudhatokkoo beekuu qabu. Hojii tiiksaa, qonnaa fi adamoo, morkii ispoortii akkasumas warri durbaa hojjii jirbii fo’uu baratu. Wa’ee siyaasa (mirgaa fi dirqamaa, seeraa) fi hawaasummaa baratu.

    Ayyaana ijoolee ykn guyyaa kabaja ijoolee (ayyaana taaboree), obbolaa fi hiriyaa ofii wajjin ayyaaneffatu. Guyyaa taaboree ijooleen bixxillee nyataa, farsoo dhugaa, sirbaa gammachuudhan dabarsu. Yeroo gaammee haadattanu goromsi tokko dhuunfaatti nikeenamaaf. Karaa uumatiin waggaa 16tti ijoolen areeda fi guntuta baasu, sagaleen isaanii ni jijjiirama. Haaluma kanaan qoodni fi itti-gaafatumman isaanis ni jijjirama jechaadha.

    Foollee (Gaammee Guguddaa) (Ganna 16-24)

    Gaammee Didiqqaan Ukkee ykn Unkee jala ba'uudhan gara sadarkaa Foolleetti ce'u. Godoon Ukee ida ijaaramee booda isa keessatti haati gurbichaa waan barbaachisaa ta’an hundaa (fkn Coqorsa kichuu miila isaa irratti hirreeffachuu, bixxillee sagal caccabsuudhan itittuu fi aannan itti dhibaasuudhaan) erga qopheessitee booda hiriyoonni isaa bakka argamanitti eebiftee sirni ayyaanaa sirbaan calqabama. Sirbuma kana keessa gurbichi godoo cabsee karaa boroo keessaan baha. Sana booda ijoolleen maaliif godoo keenya keessa bahe jedhanii dhaanuuf itti fiigu. Innis arreedee ykn dhaadachuudhan harkaa baha, ukee cabsee bahe jedhama. Ijoollummaa keessaa bahe jechuudha. Ciisa ijoolleetii baheetu mana jala buluu eegala. Ayyaani ukee kun yeroo gannaa rawwatama. Namni ukkee bahe birraa masqalarratti Giifatoo sirbee horii fudhata. Achumaan Foollee sirbuu itti fufa.

    Dardaroonni sadarkaa Gadaa Foollee keessa jiran adamoo adamsuu (bineensi akka horii hin nyaane ittisuu) akkasumas barumsa waraanaa fi ispoortii kkf. baratu, biyya irra deemudhaan sirbaa, foolisaa sabaan wal baru.

    Yeroo buttaan qalamu foolleetu korma kuffisee qaba. Cinaacha korma buttaa akkuma jirutti foolleetu fudhata. Foolleen foon buttaa akka leencaattii wal harkatti ciree nyaata. Yoo sirni buttaa jalate (seera irraa gore) foolleen korma hin kuffisu, foonis hin nyaadhu jechuuf mirga qaba (fkn namichi buttaa qaluu fedhe nama seera cabsee yoo ta’e). Foollee malee immoo buttaan hin qalamu. Foolleen seera malee nama hin sodaatu, waan jedhuu fedhe, saalfii tokko malee sirbaan ibsa. Foollisaa, yoo fedhe abbaa Gadaa ni faarsa (seera tolchuu irrati jabaa yoo ta’e) ykn ni abaara (seera yoo cabse). Dhiisi jedhama malee hin adabamu.

    Sadarkaa Gadaa Foollee keessati dargagoon siritti biyyas walis baru (hiriyumaadhan wajjin deemu). Booranatti, jalqabaaf koree hayyuu hiriyaa jedhamu namoota jaha kan of keessaa qabu ofuma isaaniitii filatu. Akkuma sadarkaa Gadaa Ittimakkootii Foolee gidduutis walmorkiin jiru kanuma qaamaa (ispoorti fi dandeetti adamoo kkf.) qofaadha. Yeroo isaanii isa irra caalaa waan wajjin dabarsaniif sirriiti wal beeku. Dur Foolleen yeroo ajjeesu hin gaafatamu, du’us gumaa seeraan hin qabu jedhama.

    Qondaala (Kuusaa) (Ganna 24-32)

    Dursee galmi (masari) guddaan gosa gosatti erga ijaaramee booda hayyoota (koree) Gadaa sadarkaa kanaa hoogganuutu filatama. Alaabaa mallattoo Kuusaa (diimaa adii) kan ta’e erga dhaabatanii booda sirba Xunnee (kan umurii isaanii) fi sirba ce’umsaa Mokkee jedhamu sirbu. Abbootiin ijoolee kanaa (sadarkaa Gadaa Yuuba 3ffaa keesa kan jiranu), bakka faajjiin isaanii itti dhabatte irraa jalqabuudhan sirba Mokkeetiin haadha manaa ofii (haadha ijoolee kuusaa) faarsaa gara bosonaa deemanii damee muka mi’eessaa kan baala qabu muratanii qabatanii deebi’u. Baala mi’eesaa karraatii suuqu. Haadhotiin ammoo bishaan aannaniin makaniii gabatee guutuu dhiyyeesu. Abbootiin ijoolee bishaan aannanii kanaan rifeensa mataa ijoolee ofii laaffisanii irraa erga haadanii booda morma irraati callee godhuuf.

    Kanati aansee saan eelmamtu tokko jabbii ishii waliin badhaasa kan godhameef fudhatee hiriyyoota ofii wajjin torban lamaaf bakka tokkooti ulma galu. Haadhoonni isaanii achitti Galaa aannan fiduuf. Garuu ijoolleedhaan wal hin arganu. Galaa yeroo kennanu maqaa ilma ofii otoo hin ta'in maqaa gosaa ofiitti waamuu. Torban lama booda wayyaa aadaa ufatanii Liichoo bokkuu xiqqoon itti hidhamee qabatanii galama ulmaa keessaa bahu. Horii badhaasaan fudhatan sana horii warra ofiitti dabalatu. Kana booda ulmaa bahe jedhama. Ayyaani kun boorana keessati Ayyaana Godiyyaa jedhama. Jarreen kun Foollee sirbaa horii sanbi kennuuf qalachaa nyaachaa, bineensaa fi diina adamsaa bara saddeetif wal-faana turu.

    Raabaa (Raabaa Doorii) (Ganna 32-40)

    Ce’umsi sadarkaa Gadaa Kuusaa iraa gara sadarkaa Gadaa Raabaatti godhamu hangas sirna guddaa hin qabu. Hayyoonni warri sadarkaa Gadaa kuusaa keessatti filataman kan du’anii fi kan dadhaboo ta’an bakka buufatamu malee akkuma jiruti itti-fufuu. Warri sadarkaa Raabaa hoogganan kun Aduulaa Raabaa jedhamuudhan beekamu Ittigaaffatumaan isaanii ini duraa waraana hoogganuu yoo ta’u yeroo nagaa immoo aadaa, seeraa fi Seenaa adda addaa baratu. Torban tokkoof jaarsolii isaan gorsan (barsiisan) wajjin ardaa-jilaatti ulma galu. Yeroo kana nama biraa waliin dubbachuun dhoowadha. Yeroo ulmaa fixanii bahan hiriyyoon isaansii damee muka daannisaa badhaasudhaan sirbaa siimatu. Isaanis kanaaf galata galfachaa daanisa sana irra dhaabatanii waliin sirbaa sirnichi xumuurama.

    Sadarkaa Raabaa keessati niitii fuudhuu fi qabeenya dhuunfaa godhachuu nama irra eegama. Miseensi Aduulaa Raabaa ta’e tokkoo fuudhuu akkasumas qabeenya dhabee yoo dhabe horii shan kan kottee afuriin adeemu qabaachuu isaan irra jira. Kana guutuu baanan umrii isaa guutuu Raabaa ta’eet hafa (Gadoomuu hin danda’u jechaadha). Namni akkanaa Qolee ykn Cufattee jedhama. Cufatteen nama waan waamuu fi waan yaasu hin qabaanee dha. Cufateen hin gadoomu malee waan yakka miti (namn ofii ta’uu dadhabe biyyaafis hin ta’u jedhameetti). Sadarkan Gadaa Raabaa waggoota sadeet idda xumuurre booda Raabaa Doorii jedhama. Warra hayyuu fi Abbootii Gadaa aangoo irra jiran irraa sirriiti muuxannoo argachuu akka danda’anu walumatti waggoota 13 sadarkaa Raabaa fi Raabaa Doori keessa turu. Sana booda ni Gadoomu.

    Waggaa 40tti namni tokkoo waan hundaanuu ni bilchaata (muuxxannoo fi beekumsa gahaa ni argata), kanaafuu biyya bulchuu fi ittigaafatumaa fudhachuu ni danda’a jedheeti Oromoon amana.

    Gadoomaa (Luba) (Ganna 40-48)

    Sadarkaa hoogganaa siyaasaa fi amantii itt ta’amu. Sadarkaan kun sirna bulchiinsa Gadaa keessatti sadarkaa murteesssaadha. Warri aangoo qabachuuf carraa qaban warra sadarkaa kuusaa, Raabaa fi Raabaa Doorii keessatti dandeetii adda addaa agarsiisudhaan morkii hedduu keessa injiffannoon darban ta’u.

    Yuuba 1ffaa amma 4ffaa

    Jarreen kun warra umurii 48 amma 80 keessa jiranidha. Yuubni warra aangoo gadi-dhiisee sadarkaa adda addaa keessa jiru. Ittigaafatumaan isaanis, keessatuu yuubni 1ffaan akka gorsituu, seera hiiktuu fi seera murtuu ta’uun hojjata. Yuubni 4ffaan (Booranatti) immoo sadarkaa Raabaa Doorii (ijoolee ofii) wajjin seera tumuu irratti qooda qabu. Akkasumas ijooleen isaanii dorgommii (morkii) irratti injifatanii akka filatman ni gargaaru. Kana malees yuubni gosaa keessatti wa’ee araaraa fi misoomaa ilaalchisee tajaajjila guddaa biyyaaf kenna. Seerri, aadaani fi safuun akka hin badne kan to’aatu yuuba sadarkaa adda addaa keessa jiranu. Tuulama keessati Yuubni warra Ayyaantuu (Qaalluu) wajjin iccitiidhan miseensota Gadaa filanii sabatti dhiyeesu. Tuulamni jaarsolee kana Guula jedheetti waama.

    Gadamoojjii (Ganna 80-88)

    Namni sadarkaa Gadamoojjii seenu umuriin isaa waggaa saddeetama tahee, nama sadarkaa gadaa darban kurnanuu seeran huluuqe tahuu qaba. Ijoolen Gadamoojjii aangoo qabatanii biyyaa bulchaa kan jiranidha. Umurii isaanii keessatti yeroo sadiif Gadaa ofii aangoo irrattii arguu warra danda’an jechuudha, kana jechaan:

          1.    Bara dhalatan, sadarka Daballee (umurii 0-8) keessa yeroo turan ykn bara abbootiin isaanii biyya bulchaa turan

          2.    Waggoota afurtama booda, ofii isaanitii yeroo Abbootii Gadaa ta’an (aangoo qabatani)

          3.    Waggoota saddeettama booda yeroo ijooleen isaanii aangoo fudhatanii biyya bulchaa turan, paartiin keessa jiranu, fkn Meelbaan wayita sadaffaaf naanna’ee yeroo dhufu jechaadha.

    Ce’umsa irratti sirni godhamu ni jira, sirni kun sirna Qumbii wal irraa fudhachuu jedhama, sirna ce’uumsaa ti. Sirna kana irratti xinnaa guddaa otoo hin jedhamin sabni hundaa argamuu ni danda’a. Seenan gootota kanaa ni himama, warri biyyaa waan jabaa hojjatan akka gootaati ni faarfamuu, ni kabajamuu, isaanis ni dhaadatu. Sana booda amma lubuun jiranutti ittigaafatumaa hin qabani, sabn jara kana amma lubbuun jiranitti ni kunuunsa, ni qananiinsa.

    Gogeessa Gadaa

    Gadaan gogeessa (garee) shan kan qabu yoo ta'u isaanis shanan Gadaa Oromoo jedhamu. Gareewwan kun ganna sadeet sadeetiin aangoo wal harkaa fuudhu. Shanan Gadaa Oromoo kun bakka adda addaatti maqaa adda addaatiin beekkamuu (gabatee ilaali).

    Boorana

    • Meelba / Harmufaa
    • Muudana / Roobalee

    • Kiilolee / Birmajii

    • Biifolee / Muldhata

    • Michilee / Duuloo

    Macca-Tuulama

    • Birmajii
    • Michilee / Muudana

    • Duuloo / Halchiisa

    • Meelbaa / Hambissaa

    • Roobalee

    Arsii

    • Birmajii
    • Roobalee

    • Bahara

    • Horata

    • Bultuma

    Gujii

    • Harmufa
    • Roobalee

    • Muudana

    • Halchiisa

    • Dhalana

    Ituu-Humbannaa

    • Horata
    • Dibbaaqa
    • Dibbeessa
    • Fadata
    • Daraara

    Ilmi Oromoo kamiyyuu, guyyaa itti dhalatee eegalee gogeessa shanan Gadaa keessaa tokko keessatti haammatama. Duraan dursee kan inni hammatamu, shanan Gadaa keessaa miseensa isa gaafa inni dhalatu aangoorra jirutini, kunis gogeessa abbaa isaa keessati jechuudha.

    Duula Bilisummaa Sirna Gadaa Jalatti

    Keessumatti, bara 1270 (bara ka'umsa Yukuno Amlaak) irraa eegalee hanga dhumaa jaarraa 15ffaatti Oromoon dhiibbaa fi roorroo humnoota Kiristaana fi Islaamaa jala akka ture ragooleen niibsu. Roorroo kana ittisuurratti gootota fi hayyoota hedduutu wareegame, kanarraan kan ka'e sabni Oromoo walakaansaa manaa fi biyya abbaa ofii gadi-lakkisee waan qabu fudhatee gara kibbaa fi bahaatti godaane. Achiittis dhiibaan ittuma fufe. Kana booda Oromoon gara waggaa dhibba tokkootif roorroo kana ofirraa ittisuuf mala dhahaa ture, keessumaa bara Gadaa Gadawwoo Galgaloo 1470n keessa haala karaa lolaattin biyyaa ofii falmanii deebifachuuf akka toluutti of ijaaruun barbaachisaa akka ta’e amanee, hawaasa umuriin ijaaree, akka umurii isaatti dirqama itti kenne. Gadaan inni jalqabaa akka haarati waan ijaarameef "Gadaa mala haaraa baase ykn Gadaa mala-baase" jedhamee  hayyootan moggaafamee, meedhicha hidhate. Maqaan Gadaa kanaa seenaa keessatti Gadaa Melbaa (Gadaa mala-baase kan jedhurraa dhufe) jedhamee beekkama. 

    Bara Gadaa Melbaa (bara 1522-1530)

    Gadaan Melbaa Oromoodhaf Gadaa isa jalqabaa miti; isa durayyuu ganna kuma caaluuf Oromoon Gadaan bulaa akka ture ragaan nijira. Gadaan Melbaa garuu uummata bara saddeet saddeettin qoodee namoota waggaa 8 olii fi 80 gad jiraniitti dirqama adda addaa kenne. Bara Gadaa kanaa Oromoon jalqabaaf Abbaa Duulattiin of ijaaree, akka kana duraa yeroodhuma ormi ittidhufu ofirraa ittisuu qofaa dhisee biyya ofii deebifachuuf jecha lafa diinnonnisaa (Habashoonni) irraa fudhatan dhaqee loluu jalqabe. Waraani Oromoo bara sanaa akka waraana qaroomeetti hiriiree loluu eegale. Gadaan Melbaa Baale deebifachuuf yeroo lolu mooticha Habashaa Faasil jedhamu ajjeese. Gadaan kun lola irratti cimaa akka ture Abbaan Baahireefaa raggaa bahee jira.

    Bara Gadaa Muudana (bara 1531-1538)

    Melbaatti aanee kan Gadaa fudhate Muudana. Bara Muudana kana seera jajjabaa lama tumatan.

           1.    Lubni hundi akkuma aangoo qabateen akka duulu

           2.    Lubni hundi osoo lafa dabalee hin bilisoomsiin meedhacha akka hin hidhaanne kan jedhan ture. 

    Baalli kan Melba weeraruu jalqabe Muudannii dhufatee hamma qarqara laga Awaashitti irra qubatan. Barri Gadaa Muudanaa kun bara Muusliimonni Imaam Ahimadiin geggeefamanii kiristaanootaan waraanaa turani. Waraana diinoonni isaa lamaan godhaa jiran kana Oromoon faana bu’aa ture. Daareel Baates namichi jedhamu kana barreessee ture. Waan waaqni diinoota isaa lamaan wal waraansiseef, Gadaa kana waaqatu mirga muude jechuudhan Gadaa Muudanaa jedhee moggaase. Gadaa Muudanaatu dura laga Waabee ce’ee lafa qabate jedhe Abbaan Baahire.

    Bara Gadaa Kiilolee (bara 1539-1546)

    Muudanarraa Gadaa kan fudhate Kiiloleedha. Kiiloleen duula bal’isee Dawaaroo rukutuu jalqabe. Yeroo gabaaba keessati handhuura Dawaaroo gahe. Galaawudoos mooti Habashaa waana isaa kan nama Adaal Mabraq jedhamuun hoogganamu Dawarrootti bara 1545tti erge. Waraanni Adaal Mabraq harka Oromootti baqe, inniniis lbaqatee laga Awaash ce’e. Dawaaroo kan jedhamu Arsii har’aatt akeekuun ni dandayama. Galaawudoos Islaamoota mohuu dandahullee Oromoo biyaa isaaf lolu moohuu hindandeenye.

    Muudanatti aanee kan baalii fudhate Gadaa kiilolee ti. Bara Gadaa Kiilolee keessa Habashoonni gargaarsa warra Poorchugaalin, Imaam Ahimadiin bara 1543 waan ajjeesaniif qalbii tokkoon Oromorratti xiyyeefatanii meeshaa ammayyaa fi human waraanaa Awuroopparraa argataniin gargaaramuudhan Oromoo irratti duulani. Mootichi Habashaa Galaawudoos Imaam Ahimadiin erga ajjeese booda, waraana guddaa nama Adaal Mabiiraq jedhanuun hoogganamu gara Oromootti bobbaase. Gadaan Kiilolee waraana Habashaa fi Faranjii meeshaa hammayyaa akka madfii hidhate kana bara 1545 ofirraa rukutee, ajajaa waraanaa ari'ee laga Awwash ceesise. Waraani habashaa hedduun harka Gadaa Kiiloleetti baqee dhume jedhe Abbaan Baahire. Humnoota Habashaa fi Faranjii meeshaa hammayyaatti gargaaramanu waan mo’eef, Gadaa dhugaa lole, kan Lole jedhamee seenaa keessati yaadatama. Jechi "kan lole" jedhu kun bara dheerina keesa "Kiilolee" jedhamuun beekkama.

    Bara Gadaa Biifolee (Bar 1547-1554)

    Barri Gadaa Biifolee bara mootiin Habashaa lola warra Islaamaa waliin qabu moo'atee humna isaa mara gara Oromoo qofaatti xiyyeefate ture. Mootichi Habashaa Galaawdos, Adal Mabiraq moo’amuu dhaga’ee humna isaa walitti gurmeesee waraana Porchugaal wajjin Oromoo irratti bara 1548 duula guddaa saaqe. Gadaan Biifolee diina itti dhufe qolee, rukuutee moo’uudhan ofirraa deebise. Lafa bal’aa dabalee qabachuu dadhabus, humana guddaa kana falmee moo’ee ofirraa deebisuu waan danda’eef, waanti hojjate akka gootumaa guddaati fudhatameefii maqaa Bif-oole jedhamu akka argatu ta’e. Bif-oole jechuun odoo hin dabaliin, odoo hin hirrisin akkuma jirutti, bifuma duraan jiruun eegee dabarse jechuu dha. Jechi "Bif-oole" jedhu kun bara dheeraa keessa Biifolee jedhame. Gadaan Biifolee dangaa Oromoo eegee, dirqama ofii raawwatee aangoo Gadaa Michilleetti dabarse.

    Bara Gadaa Michillee (Bara 1554-1562)

    Miidhaan warra Abashaa fi Islaamaa karaa lamaan jabaatee waan dhufeef Gadaan Michillee seerota sadii baasee labsuudhan hojjaa irra oolchee ture, isaanis:

           1.    Namni diina hinajjeefne akka hinfuune, akka rifeensa mataasaa hin aaddanne

           2.    Namni ganna 8 oli fi 80 gadii lola keessatti qooda akka fudhatu

          3.    Waraanni Fardaan lolu hedduun leenjifamee akka bobba’u seera jedhu, kun immoo iddoo fagoo deemee akka lolu isa taasise.

    Fardaa fi gaachanaan jabaatee loluu kan jalqabe Gadaa Michilleetti. Michillee waraana Galawudos, Hamalmaaliin hogganamu waraanee moo’e, Faxagariin (Ererii fi Karrayyu) guutuummaatti harka Oromooti galche. Itti dabalees hooggani Islaamaa Amir Nuur mooticha Habashaa Galawudosiin waraanee moo’ee (ajjeesee), gammadee ayyaaneffachaa otoo jiru Michille Harariin qabate. Amir Nuur oduu kana dhaga’ee otoo inni gara Haraaritti deebi’uutti jiruu Michille bakka Tulluu Haazaaloo jedhamutti haxxee hidhatee rukute. Lola kana irratti Oromoon hedduun dhumullee waraanni Amir Nuur moo’amee harka Michilleetti baqee raawwate. Abbaan Baahire akka barreesetti Gadaan 5ffaan Missillee jedhamu biyya waraanee moo’atee idda balleesee booda loon ofii fudhatee itti gale jedha. Oromoon durii biyya waraanee waan barbaade erga godhee booda gara dhufetti deebi’aa jechuu isaattii. Seenaa Oromoo keessatti kan akka Gadaa Michillee diinota, warra habashaa (kan Porchugaalin gargaarame) akkasumas Afaar (kan Turkiin gargaarame) haleelee dangaa bal’aa bilisoomse hinjiru. Michillee jechuun, bineensa bara caamsaan hammaatee yeroo haroon qooru bakka bishaan ture keessa bahu, bineensa gurraatti hanga saree xiqoo geessu, kan waraanni hin seenne, kan nama hin soodaanne, kan nama duukaa kaattee nama ciniintu, bineensa hamtuudha. Gadaan Michillee farda luka afur qabu yaabatee gaachanaan waraana of irraa qolatee waan bakka yaade ga‘eef Gadaa Michillee jedhamee moggaafame.

    Gadaa Harmufaa fi Gadaa Hambisaa (Bar 1563-1570)

    Gadaan Michillee dangaa bal’aa waan bilisoomseef dangaa bal’aa kana Gadaa tokkoon hoogganuun rakkisaa waan ta’eef Gadaan duraan Boorana fi Baarentuu irraa ijaaramee hooggana tokkoon walfaana socho’aa ture bakka lamatti qooduun dirqama ta’e.

    Baarentuu Gadaa Harmufaa akkasumas Boorani Gadaa Hambisaatiin akka hoogganaman godhame. Harmufni Bageemidir rukutee gosati moggaasee of jala galche, Hambisaan immo duula guddaa mooticha habashaa Minaas Oromoo irratti bobbaase jabinaan falmee, balaa dhufu danda’u hambise. Hambisni akka Harmufaa lafa bal’aa dabalee qabachuu baatuus, kan ture akka jirutti eegee dabarsuu waan danda’eef, Gadaa Harmufaa wajjin meedhicha hidhatanii baali dabarsanii Gadaa Roobaleetti kennan. 

    Bara Gadaa Roobalee (Bara 1571-1578)

    Gadaan kun Roobalee Baarentuu fi Roobalee Booranaati. Roobaleen lachuu wal gargaarudhaan Bagamdir fi Wallootti duula guddaa bananii (keessatuu Roobalee inni Booranaa Amaaroota hallayyaa fi holqatti naquudhan) dangaa biyyaa ballisuu danda’anii turan. Wa’ee Gadaa Roobalee Abbaan Baahire akkas jedha, waggaa saddeet booda kan bakka Harmuufaa qabate Roobaleen ilma Gadaa Muudanaati, isa kan Shawaa balleessee Gojjaamin rukutee, nama aangoo cimaa qabu Azmaachi Zari Yohannis ajjeese jedhe.

    Bara Gadaa Birmajii (Bara 1579-1586)

    Gadaan kun Birmajii Baarentuu fi Birmajii Booranaa ti. Gadaan Birmajii Baarentuu habashaa Kaabaa akka malee muddee qabuudhan, Dambiyaa rukutee Abooli fi Baahera Nagaash yeroo ajjeesu, Gadaan Birmajii inni Booranaa maqaa Maccaa fi Tuulamaatiin ijaaramee Amaaroota bakka hundaatii ari’ee, lafa fardi isaa seenuu danda’u hundaa qabate. Amaarris gaaratti, hallayyaatti, holqatti galtee dhokatte. “Utuu gaarrii, hallayyaa fi holqi hin jiru ta’ee namni hafu hin jiru jedhe” barreessaan habashootaa Alaqaa Atsimeen.

    Bara Gadaa Muul’ataa (Bara 1587-1594)

    Gadaan kun Muul’ataa Baarentuu fi Muul’ataa Booranaa ti. Bara Gadaa Muul’ataa kana Walloo hedduu hinduulle. Yeroo lama qofaa Gondoritti duulee deebi’ee qubate jedhama. Muul’ataa Maccaa fi Tuulamaa garuu duulasaa itti fufee. Bifa lolaa geeddaree Amaara karaa irratti gaadee ajjeesuu jalqabe. Gaara gidduu fi saqa dhiphoo ta’an gidduutti eegee ajjeesaa, murataa ture. Bakka farda isaaf mijaa’u mara Goojjaami fi Gondor keessa gulufee, qabatee, basha’ee achi taa’e.

    Barreesan yeroo sanaa Abbaa Baahire akka jedhetti, biyyi Gadaa Booranaa jalatti bule, kan hafe tokkollee hin jiru jedhe. Muul’anni baalii Gadaa Duulootti dabarsee kenne. Haala kanaan Abbootin Gadaa injiffannoo erga argatanii booda sabni Oromoo hanga sirni Nafxanyaa jaarraa 19ffaa keessa ka’uutti jaarraa lamaa ol tasgabbaa’ee Gadaa isaa kabajataa nagaadhan jiraataa ture.

    Sirni Nafxanyaa kan jalqabe, Amaari Oromoo waraanuu dadhabnaan araarfachuu calqabe. Walitti makamuu (wal fuudhudhaan) uummameen kan ka’e Oromoonni Gondarii fi Goojjam keessa jiraatanu Afaani fi Amantaa ofii irraanfachuudhaan kan Amaaraa fudhatan jedhama.

    Wabii: Saba Oromoo fi Sirna Gadaa



  • loader Loading content ...
  • @Adugna   1 year ago
    Yoo ta’eef miinjee naa taata jette intalli
  • loader Loading content ...
  • @Adugna   1 year ago
    Yoo namaa oogan eelee jalatti namaa marqu
  • loader Loading content ...
  • @Adugna   1 year ago
    Yoo dhaqna of jaalatan fuula dhiqatu
  • loader Loading content ...
  • @Adugna   1 year ago
    Yoo suuta ejjetan qoreen suuta nama waraanti
  • loader Loading content ...
  • @Adugna   1 year ago
    Yoo iyyan malee hin dhalchanii jedhe korbeesi hoolaa kan re’eetiin
  • loader Loading content ...
  • @Adugna   1 year ago
    Yoo ejjennaa tolan darbatanii haleelu
  • loader Loading content ...
  • @Adugna   1 year ago
    Yoo boora’e malee hin taliilu
  • loader Loading content ...
    Load more...
loader Loading content ...

Comments (19)


loader Loading content ...